Godina Wallagga Lixaatti dargaggoota kuma 120 oliif carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Godina Wallagga Lixaatti dargaggoota kuma 120 oliif carraan hojii uumamuu Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa godinichaa ibseera.

Godinichaa kuma 116 hojiitti galchuuf karoorfame keessa dargaggoota kuma 120 gara hojiitti galuun danda’amuu Itti gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Daagiim Mulugeetaa himaniiru.

Rakkoo nageenyaan walqabatee haala barbaadameen hojjetamaa turuu baatus fedhii hojjetanii jijjiiramu dargaggoota bu’uura godhachuun hojii dhabeeyyiif carraa hojii bal’aan uumamu kaasaniiru.

Deeggarsa faayinaansiin walqabatee liqiin birrii miliyoona 92 dargaggootaaf kennamuu eeraniiru.

Walitti hidhamiinsi gabaa Birrii Biiliyoona 1.5 uumamuus Obbo Daagiim dubbataniiru.

Dassaalany Abarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment