Godina Wallagga Lixaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 13 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbiitti balaa tiraafikaa guyyaa har’aa  lubbuun namoota 13 darbeera.

Balaan kun Aanaa Gimbii Ganda Malkaa Gaasii iddoo addaa malkaa hoolaa jedhamutti kan qaqqabee ta’u ibsameera.

Balicha konkolaataan fe’umsaa lakkoofsi gabatee isaa 3 ETAO7550 ta’e, Konkolaataa deddeebisa uummataa Ayiruufii Lakkoofsa gabatee 54256 OR irra bahuun qaqqabsiisuu Qindeessaa Tiraafikaa Aanaa Gimbii Saajin Dirribaa Shaanqoo himaniiru.

Ka’umsi balaa kanaa rakkoo ga’umsaa konkolaachisaa konkolaataa fe’umsaatin ta’uu Saajin Dirribaan himaniiru.

Konkolaachistoonni hawaasa balaaf saaxiluu irraa of qusachuuf gahumsaa qabaniin ariitii fi saffisa garmalee irraa of qusachuun naamusaan konkolaachisu akka qaban dhaamuu ragaan kominikeeshinii godinichaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment