Godina Wallagga Lixaa aanaa Najjootti tarkaanfii Shaneerratti fudhatameen loon ummataa hataman deebifaman

 

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)-Godina Wallagga Lixaa Aanaa Najjootti Oppireeshinii gaggeeffameen hmna badii Shanee naannicha socho’u irratti tarkaanfii fudhatameen loon uummataa kanaan dura Shaneedhaan hatamanii turan 39 harkaafi harkatti qabamaniiru.

Shaneen maqaa Oromootiin qabsaa’aa qabeenya Oromoo saamuun Oromoota qaqqaalii biyyaaf wabii ta’an hedduu lubbuu balleessaa turtee, faayidaa dhuunfaa guuttachuu irratti hara’as qabeenya uummataa saamuu irratti xiyyeeffattee jirti.

Haaluma kanaan Aanaa Najjoo Ganda Kutaallaa Haroo bakka addaa Saayii Balaqqee jedhamutti Mudde 11,2014 loon kanaan dura hatte osoo tikfachaa jirtuu qindoomina caasaa Poolisii idilee fi milishaa Aanaa Najjootiin tarkaanfii fudhatameen Loon 39 harkaa fuudhuun gara Aanaa Najjootti deebisanii galii gochuu isaanii Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa Najjoo Obbo Masarat Waggaa himaniiru.

Hawaasni keenyas gocha humnoota badii kanneenii bakka hundatti beekee saamicha isheen geggeessite hordofee saaxiluudhaan olaantummaan seeraa akka irratti mirkanaa’uuf ga’ee isaa bahuu akka qaba jechuu isaanii ragaan Biiroo  Komnikeeshiinii naannoo Oromiyaarraa argame muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment