Godina Wallagga Bahaatti miseensonni Shanee meeshaalee waraanaa waliin to’ataman

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti miseensonni Shanee meeshaalee waraanaa gosa adda addaa waliin to’atamuu ibsame.
Aanichaa keessatti qindoomina humnoota Nageenyaa, Poolisootaa fi Hoggansa Aanaa waliin sakatta’iinsa taasifamaa tureen Kilaashii 16, meeshaa boodatti hafaa 11, Rasaasa garaagaraa 113, Uffata Humna Addaa fi Miliishaa, hidhannoo adda addaa, akkasumas Birrii hawaasarraa saamamaa ture kuma 21 ol waliin miseensonni garichaa 20 to’atamuu ragaan BDhKMNO irraa argame ni muul’isa.
Miseensota Shanee to’ataman keessaa miseensonni 7 fedhii isaaniin waamicha mootummaan taasise fudhachuun harka kan kennatan ta’uu Hogganaan Poolisii Aanaa Guutoo Giddaa Saajin Olaanaa Katamaa Oljirraa himaniiru.
Waamicha Mootummaan karaa Jaarsolii biyyaa, Abbootii Amantaa fi Abbootii Gadaan taasise fudhachuun karaa nagaa hawaasatti dabalamuun hojii misoomaa itti fufsiisuuf harka kennachuu isaanii miseensonni harka laatan ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment