Godina Wallagga Bahaatti lafa hektaara kuma 106 ol Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf facaasaan eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC) – Godina Wallagga Bahaatti lafa hektaara kuma 106 fi 682 Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf facaasaan eegalamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera.

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaa Ganda Gammachiisitti Facaasaan Qamadii Jallisii Bonaa bakka hoggansi godinaa argamanitti eegalameera.

Akka Godinichaatti bara kana lafa hektaara kuma 106 fi 682 Qamadii Jallisiin Misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 3 fi kuma 733 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Galaana Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment