Godina Wallagga Bahaatti guyyaa har’aa biqiltuun miiliyoonni 30 dhaabbachuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Godina Wallagga Bahaatti duula ashaaraa magaarisaa guyyaa har’aan biqiltuun miiliyoonni 30 ol dhaabbachuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godinichaa beeksiise.
sagantaan kun aanaalee godinichaa 17 keessatti gaggeeffameera.
Aanaa Sibuu Siree magaalaa Sireetti bakka Bulchaan Godina Wallagga Bahaa obbo Alamaayyoo Tasfaa fi gaggeessitoonni sadarkaa naannoo argamanitti dhaabbiin biqiltuu bifa ho’aa fi hawwataa ta ‘een gaggeeffameera.
Dursaan garee misooma sululaa fi kunuunsaa bosonaa Waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa obbo Dassaaleny Bal’ataa karooricha milkeessuuf hirmaannaa qaamoleen hawaasaa taasiisan galateeffataniiru.
Efireem Malkaamuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment