Godina Wallagaa Bahaa aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Mooxee proojektiin bishaan dhugaatii eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC)- Godina Wallagaa Bahaa aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Mooxee proojektiin bishaan dhugaatii eebbifameera.

Sirna eebba proojektichaarratti sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaasteraa misooma baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amantee fi hoggantoonni naannichaa fi godinichaa akkasumas hawaasni godinichaa argamaniiru.

Proojektichii baasii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 32 ijaarramee jedhameera.

Rakkoo bishaan jirattootaa godinalee Oromiyaa muudata ture furuuf mootummaan xiyyeffannoo hojjechuu himaniiru.

Yeroo itti aanuu keessatti proojektiiwwan ijaarsa irra jiran yeroo qabameef keessatti akka xumuramuuf xiyyeffannoo kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Godina Wallagaa Bahaa keessatti proojektiwwan 300 olii hojjetama turan keessaa proojektiiwwan gosa garagaraa 200 bara kana xumuruun tajaajilaa hawaasaf banaa ta ‘uu Bulchan godina Wallagaa Bahaa Obbo Alammayyoo Tasfaan himaniiru.

Proojektiiwwan xumuramuun tajaajila hawaasaf banaa ta’anis baajata mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa  Birrii biiliyoonaa 2 olii baasiin taasisameera jedhan.

Jiraattoonni aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Moxees ijaarsi proojektii tajaajila bishaan dhugaati hojjetamaa ture taajajilaaf gahuutti gammadoo t ‘uu himu.

Gammachuu Beekumatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo

Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment