Godina Walaayitaatti balaa Tirafikaa mudateen lubbuun namoota 28 darbe

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) – Godina Walaayitaatti balaa Tiraafikaa suukaneessaa mudateen lubbuun namoota 28 darbuu ibsame.

Konkolaataan deddeebisa ummataa Walaayittaa Sooddoo ka’uun gara Godina Daawuroo imalaa ture Aanaa Kiindoo Diidaayee ganda Faataattaatti laga Gi’irbaa keessatti kufuun balaa kana qaqqaqbsiisuu eerameera.

Balaa kanaan lubbuun namootaa 28 yoo darbu, namoota 19 irra ammoo miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan qaqqabuu Qajeelcha Poolisii Godina Walaayittaatti Itti Gaafatamaan Diiviizyii To’annoo fi Ittisa Balaa Inispeektar Waldee Biilisoon Faanaa Biroodkaastiing Kotporeetiif himaniiru.

Balaan kun har’a guyyaa naannawaa sa’aatii 7:00tti mudachuu ibsaniiru.

Lakkoofsii miidhamtootaa dabaluu akka danda’u himameera.

Yohaannis Darribowutu gabaase

Comments (0)
Add Comment