Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) –Godina Shawaa Lixaatti dhaabbilee Mootummaa keessatti hojjettoota kenna tajaajilaarratti danqaa ta’an 700 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame.
Godinichatti sadarkaa godinaa fi aanaatti rakkooleen kenna tajaajilaa kumni 2 fi 823 adda ba’uu fi kanneen keessaa rakkooleen 644 furmaata argachuu Ittaanaan bulchaa godina Shawaa Lixaa Obbo Takkaaliny Yimaamuu
himaniiru.
Kenniinsa tajaajilaan walqabatee hanga ammatti tarkaanfii fudhatameen hojjettoonni 42 hojiirra gaggeeffamuu,166 miindaan adabamuu, hoggansi aanaa 67 fi hoggansi bu’uura gandaa 26 fi hojjettoonni 22 bakka irraa kaafamuu, hojjettoota 91’f of eeggannoon barreeffamaa kennamuu fi hojjettoota 287’f of eeggannoon afaanii kennamuu eeraniiru.
Tarkaanfii fudhatameen kazinaa mootummatti Birrii miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 4 fi 506 ol galii ta’uu himameera.
Dabalataanis hojjettoota mootummaa sadarkaa godinaa kiraasassabdumman shakkaman 7 to’annoo seeraa jala ooluu himuun isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.