Godina Shawaa Kibba Lixaatti Gamoon Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Birrii miiliyoona 21.1 oliin ijaarramee eebbifame

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Godina Shawaa Kibba Lixaatti Gamoon Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Birrii miiliyoona 21.1 oliin ijaarramee eebbifameera.

Sirna eebichaarratti Itti Aantuun Preezdaantii fi Qindeesituun Kilaastera Misooma magaaloota Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii argamaniiru.

Aadde Caaltuun sirna eebbichaarratti haasaa taasisaniin, Jijjiiramaa ammaa argamee itti fufsiisuuf ogeessa hanga hoggannatti bakka jirrutti xiiqiidhaan  hawaasa tajaajiluun hojjechuun murteessaa ta’uu himan.

Daayrektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa, Godina Shawaa Kibbaa Lixaatti bara 2014 Galii Birrii miiliyoona dhibba 5 miiliyoona 75  sassaabuuf karoorfamuun hojiitti galamuu ibsun galma hojii kanaaf gahee nama hundaa waan tahee tumsu akka qaban dhaamaniiru.

Itti gaafatamaan Abba Taayitaa Galiiwwan Godina Shawaa Kibba Lixaa Obboo Alamayyoo Taaliila akka jedhanitti, kenna tajaajila qulqullunfi waqtaawaa taheef kennuuf bakki hojii murteessaa waan taheef qaamoleen milka’ina hojii kanaaf gahee isaanii bahaataniif galatoomaa jedhaniiru.

Gamiichi abbaa darbii lama yoo ta’uu Birrii miiliyoona 21.1 oliin ijaarramuuf tajaajilaaf bana tahuu ibsuusaanii ragaan waajjiraa dhimmoota kominikeeshinii mootummaan godina Shawaa Kibbaa lixaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

Comments (0)
Add Comment