Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa aanaa Wacaalee hospitaala Muka Xurriitti haadhi tokko daa’imman 4 ofkalte.
Daa’imman ciniinsuun dhalatan keessaa 3 dhiira yoo ta’an tokko dubara ta’uu hospitaalichatti ogeessi gadameessaa fi yaala baqaqsanii hodhuu Dooktar Habtaamuu Tulluu Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.
Daa’imman dhalatan fayyaa guutuurratti kan argaman ta’uu fi yeroo ammaa hospitaala Minilikitti hordoffiin yaalaa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Daa’imman dhalatan yeroo dhalachuu qaban dursanii dhalachuu fi ulfaatinni daa’ima 2 kiiloo giraama 1 yoo ta’u kan warreen kaanii kiiloo giraama 1.2 fi1.5 ta’uu Dooktar Habtaamuun himaniiru.
Amaaraa Asraatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.