Godina Shawaa Bahaatti Qonni Misooma Jallisii Bonee eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2017 (FBC) – Godina Shawaa Bahaatti Qonni Misooma Jallisii Bonee eegalamuu bulchiinsi godinichaa beeksiise.
Bara kana lafa hektaara kuma 400 ol Jallisiin misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 16 argachuuf kan hojjetamu ta’uu ibseera.
Lafa hektaara tokkorraa Qamadii kuntaala 42 argachuuf kan hojjetamu ta’uu Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoon himaniiru.
Rakkoo kana dura dhiyeessiifi suphaa paanpiin wal qabatanii muudachaa turan akka hin muudanneef xiyyeeffannaa kan argate ta’uus ibsaniiru.
Bara kana misooma jallisii boneen caalmaatti Qamadiif xiyyeeffannoon kan kennamu ta’us Atarboonsituufi Boloqqeenis alergiif oolan ni misoomu jedhan.
Bahayiluu Baaneetu gabaase.
Comments (0)
Add Comment