Godina Shawaa Bahaatti  mariin haala yeroo irratti Xiyyeeffate  taa’amaa jira

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Bahaatti  mariin haala yeroo irratti Xiyyeeffate  Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa fi Jaarsolii Biyyaa hirmaachise  taa’amaa jiraachuu ibsame.

Marichi mata duree “Hirmaannaa kallattii laammiileetiin ala biyyaa gama hundaan milkoofte  ijaaruun hin danda’amu” jedhuun  magaalaa Adaamaatti taa’amaa jira.

Barreeffamni ka’umsa marichaa Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Ashannaafii Ajamaatiin dhiyaachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Shawaa Bahaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun Mariin qamolee hawaasaa adda addaa  hirmaachise magaalaa Asellaatti taasifaameera.

Maricharraatti abbootiin gadaa, abbootiin amantaa, haadholiin sinqee, fi dargaggoonni argamaniiru.

Mirichi mataa duree “hirmaannaa lammilee badhaadhinaa hundaa galeessaaf” jedhun gaggeefama jira.

Hirmaattonni marichaa uummata bara dheeraa waliin jiraatan ta’uu fi  ajandaa diinaatiin kan wal hin qoodne ta’uu ibsaniiru.

Nageenya naannoo fi biyya isaanii mootummaa cinaa ta’uudhaan kan eegsisan ta’uu dubbataniiru.

Nageenya biyya eeguu fi mirkaneessuuf tokkummaan hawaasaa barbachisaa ta’uu hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqalaa marichaan kaasaniiru.

Biyya ceesisuu fi nageenya eeguuf ga’een  dargaggootaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

obbollummaa sabdannessummaa amma jiru kana yoo  kunuunsine qamni kamuu nageenya keenya boorreessuu hin danda’u jedhaniiru.

Miidhaksaa Qachaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment