Godina Shawaa Bahaatti baalli sammuu nama hadoochuu kuntalli 50 ol to’annoo jala oole

Finfinnee, Hagayya 17, 2012 (FBC) – Godina Shawaa bahaatti baalli sammuu namaa hodochuu (Kaanaabiisiin) kuntaala 50 ol to’annoo jala ooluu Waajjirri Poolisii godinichaa beeksisee.

Godina Shawaa bahaa aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda Wayyisoo Qancaraatti gaafa guyyaa 14/12/12 halkan keessaa naannoo sa’atii 5:30 konkoolaataan Isuuzuu kooddii (3),lakkoofsi gabatee isaa 76201AA tahe irra keessatti Cilee /Kasala/ kuntaala 64, jalatti baala sammuu namaa hodochuu kuntaala 53 fe’ee osoo imalaa jiru eeruu hawaasa naannichaan poolisii idilee fi humna addaa Poolisii Oromiyaaf kennameen to’annoo jala oolun himameera.

Konkoolaachisaan baala sammuu namaa hadochuu kana fe’ee socho’aa ture yeroof miliquus tumsa hawaasa naannichaan akka to’annoo seeraa jala oolu shakkii hin qabnu kan jedhan itti gaafatamaan divijinii kominikeeshinii waajjira Poolisii godina Shawaa bahaa Komaandeer Aschaaloow Alamuu,gochaalee farra dhala namaa keessumaa dargaggoota miidhan akkasi ummanni balaaleeffachuu akka qabu bilbilaan FBC’tti himaniirun.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment