Godina Qellem Wallaggaatti hojiin misooma sululaa eegalame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Godina Qellem Wallaggaatti hojiin misooma sululaa eegalameera.

Godinichatti hojiin misooma sululaa guyyoota 60f turu guyyaa har’aa qonnaan bu;ltootaa fi hojjettoota mootummaan aanaa Daallee Waabaraatti eegalameera.

Hojii misooma qabeenya uumamaa kanaan dura hojjetan irraa bu’aa qabatamaa argachuu fi bara kanas rakkoo nageenyaa dandamachaa bu’aa caaluuf hojjechaa jiraachuu  qonnaan bultootnii fi hojjettootni mootummaa aanichaa ibsaniiru.

Akka aanichaattui sulula 22 adda bahee jiru irratti qonnaan bultoota kuma 28 fi 240 hirmaachisuun hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Aanaa Daalle Waabaraa Obbo Beekumaa Tashoomaa ibsaniiru.

Hojiin duula misooma sululaa jalqabame kunis kallattii Biiroon Qonnaa Oromiyaa kaa’een guyyoota 60 walitti fufaniif kan hojjetamu ta’uu isaa ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment