Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Doollootti qaamoleen hawaasa garagaraa fi hojjetootni Mootummaa duula sakatta’iinsa shanee geggeessan

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Doollootti qaamoleen hawaasa garagaraa fi hojjetootni Mootummaa duula sakatta’iinsa shanee geggeessan.
Duulli kun kutaalee magaalaa arfan jiran keessattii qooda fudhannaa qaamoolee hawaasa, hojjetaa mootummaa, daldaltoota, dargaggootaa fi jiraattoota magaalichaa hunda karaa hirmaachiseen guyyoota 3f geggeffame jira.
Duulaa geggeffame kanaaf haasa saaqinsa kan tassisaan Kantibaan Magaalaa Dambii Doolloo obbo Mulaatu Leellisa akka jedhanittii qaamoole hawaasa duula kana irratti hirmaachuuf argaman galateeffataniiru.
Magaalaan Dambii Doolloo magaalaa rakkoo nageenyaa hedduu keessummessaa turte ta’uu ibsuun rakkoo kana keessaa ba’uuf hawaasni ilaalcha isaa qulqulleessuun nageenya isaaf qindaa’uu qaba jedhan.
Haala kanaanis duula yeroo ammaa geeggeffamaa jiru qofaan osoo hin taane kanaan boodde haawwaasni mootummaa cina dhaabbachuun yeroo kamiyyuu caalaa nageenya isaa tikfachuun naannoo isaaf wardiyyaa dhabbachuu qabaa jedhan.
Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa obbo Gammachuu Gurmeessaas duula sakatta’iinsa kanaa irratti argamuun akka jedhanitti Oromoon akka biyyaatti duula Aduuwaa qofaan gootummaa isaa kan mul’ise osoo hin taane har’as Naannoo Tigiraayitti ABUT yeroo awwaalu akka Godina Qellem Wallaggaatti immoo shiftoota fi ergamtoota ABUT yeroo dhumaaf ballessuuf mootummaan olaantummaa seera kabachiisuf hojjechaa jira jedhan.
Akka Waajjiirri Dhimmoota Kominikeeshinii Bulchiinsi Magaalaa Dambii Doolloo beeksiseetti, Sagantaa Duulaa eegalame kun kan itti fufu ta’u himanii gochoota badaa fi al-seerummaa qaamota kanaan geggeeffaman hunda tooratti deebisuuf uummatni dammaqe mootummaa cina dhaabbachu qaba jedhan.
Sagantaan duula kanaa kan guyyoota 3f geggeeffamaa ture kun karaa nagaan xumuramee jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment