Godina Matakkalitti waliigalteen araara nageenya gaggeeffame

Finfinnee, Gurandhala 8, 2015 (FBC)- Sagantaan waliigaltee araara nageenyaa mata duree “Nageenya mul’ate gara nageenya waaraa mirkaneessuutti” jedhuun Godina Matakkalitti gaggeeffaeera.

Godina Matakkal Aanaa Daanguraa gandootaa afuritti farreen nageenyaa socho’aa turan waliin waliigalteen nageenyaarra ga’amuu, Itti Gaafatamaan Ijaarsaa Xiinsammuu Kutaa Makkaanaayizdii Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaajaa Kumaa Masfiin Asraat ibsaniiru.

Mootummaan filmaanni nageenyaa kenne bu’aa qabeessaa ta’uu eeruun, waliigalteen nageenyaa taasifames guddinaa fi tokkummaa biyyaaf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Harkoota misoomaa, hiyyummaa fi beela injifatan diriirsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Bulchaan Aanaa Daanguraa Obbo Paarshaawii Usmaan gama isaaniin, yeroo dheeraaf qaamolee nageenyaa waliin ta’uun waliigalteerratti mariin gaggeeffamuun, bu’aa waliigaltee nageenyaan argameef bu’uuraa ta’eera jedhan.

Nageenya waaraa argames eeguun humna badiisaaf utuu hintaane misooma waaraaf gurmaa’e uumuun itti fufsiisuun akka barbaachisuu ibsuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment