Godina Matakkalitti tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhatamaa jiruun humnoonni hidhatanii socho’aan harka laachaa jiru jedhame

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC)-Naannoo Beenishaanuul Gumuuz godina Matakkalitti tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhatamaa jiruun humnoonni hidhatanii socho’aan hedduun qaamolee nageenyaatti harka laachaa jiraachuu koree humna qinda’aa Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadin hundaa’e beeksise.
Hojii damee olaantummaa seeraa hoogganaa kan jiran Letenaal Jeneraal Asiraat Denneroo, humni badii godina Matakkal aanaa Bulanii fi Qojjiitti lammiilee nagaa ajjeesuun, qabeenyaa saamuu fi gubuun gocha gara jabinaa raawwachuu beeksisaniiru.
Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii tibba kana hojjetameen humnoonni hidhatanii socho’an harka laachuu ibsaniiru.
Lammiileen haleellaa qaqqabaa turee sodaachuu qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra bu’aaqaanii turan naannichaatti nagaan bu’uusaatin gara jireenyaasaaniitti akka deebi’an taasifameera.
Sadarkaa ministiraatti qindeessaan giddugala ijaarsa sirna demookiraasii fi dursaan siyaasa komand poostii fi marii uummata obbo Tasfaayee Baljigee, garee hidhattoota lammiilee nagaarratti haleellaa raawwatan hojiin adamsuu itti fufeera jedhan.
Hooggantoota itti gaafatamuummaa isaanii seeraan hin baanee fi halleellichaa qindeessuu fi hoogganuun shakkaman tarkaanfiin seeraa fi siyaasaa irratti fudhatamuus himaniiru.
Rakkoo uumamee waaraan furuuf koreen hundaa’ee hawaasaa naannichaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Lammiilee qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aniif deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu fi gara jireenyaa isaaniitti deebisuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment