Godina Matakkalitti lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaanirraa buqqa’aaniif deeggarsi namoomaa taasifamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC)- Godina Matakkalitti lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaanirraa buqqa’aaniif deeggarsi namoomaa marsaa 5ffaan taasifamaa jiraachuu komishiniin Hoggansa Sodaa balaa naannichaa beeksiseera.

Godinichatti tasgabbiin dhibuun lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaanirraa buqqa’aan 282 ta’aniif deeggarsi namoomaa taasifamuu cime akka itti fufuu ibsameera.

Komishinichi Komiishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyoolessaa waliin ta’uun tumsaan midhaanni nyaata kuntaalli kumni 42 fi 300 ol yeroo amma kana buqqaatootaaf dhiyaachaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment