Godina Matakkal Magaalaa Gilgal Balas irratti dhorkiin sa’aati malee deemu dhorkamee irratti foyya’insi yeroo taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) – Hooggantoonni olaanoo Koomaandii Poostii Godinaa Matakkaal bakka bu’ootaa jiraatoota Magaalaa Gilgaal Balas waliin mari’ataniiru.
Maricha irrattis gaaffiin bakka bu’ootaa Magaalitti dhorkiin sa’aati malee deemu dhorkamee irratti foyya’insi akka taasifamu dhiyeessaniiru.
Haaluma kanaanis kan dura Magaalaa Gilgal Balas sochiin kamiyyuu galgalaa hanga sa’aatti tokkoo ture yeroo ammaa kan nageenyi magaalitti foyya’aa waan dhufeef sochiin magaalitti keessatti taasifamuu galgalaa hanga sa’aa 3tti eeyyamamuu himameera.
Akkasumas, nageenyi magaalitti foyyaa’a dhufe itti fufsiisuuf hawaasni magaalitti namoota dhoksaan haala dure tokko malee seera cabsan dabarsanii akka kennanis maricha irrratti ka’eera.
Magaalittiin magaalaa Sabaf sablammii waan taateef jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa hawaasaa kana walitti fiduu irrattis akka hojjetan jedhameera.
Bulchaan Godinaa Matakkaal obbo Gaashuu Duugaazii,Magaalaa Gilgal Balas Magaalaa meeshaaleen Hidha Haaromsaa Jibuuti irraa dhufuun magaalitti keessa buufatanni darbuu jedhan.
Kun immoo gara fuuladuraf magaalitti bakka Tuuristoonni keessa deeddarban taatis jedhaniiru.
Qindeessaan Koomaandii poostii Godinichaa Letenaal Jenaraalaa Asraat Deeneeroo ,rakkoo godinichatti muudate hiikuuf of eeggannoo barbaachisaa taasisuun hojjechaa jirra jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment