Finfinnee, Bitootessa 8, 2015(FBC)- Naannoo Kibbaa godina Koonsootti roobaa cimaa roobe hordofee balaa lolaa mudaten lubbuun namoota 13 darbuu ibsame.
Godinicha aanaa Naannawwa Saganitti rooba bubbee walmakaa roobeen lubbuun namoota 13 darbuun eerameera.
Kana malees beeyladoonni hedduun lolichaan fudhatamuu ibsameera.
Balichaan hanga ammaatti reeffi namoota 4 hirmannaa hawaasaan argamuu eerameera.
Hawaasni rakkoo hamaaf akka hin saaxilamneef bulchiinsi godinichaa yaadachiisuu ragaan Komiinikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.