Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)- Godina Jimmatti ji’oota darban oomisha Dhagaan Cilee irraa galiin Birrii miiliyoona 17.2 ol argamuu Waajjirri Misooma Albuudaa Godinichaa beeksise.
Itti Gafatamaan Waajjirichaa Obbo Naasir Dirribaan, aanaalee garaagaraa godinichaatti albuudni ijaarsaa fi industirii bal’inaan akka argamu himaniiru.
Ji’ootan darbanittis Dhagaa Cilee toonii kuma 86 ol gabaaf dhihaaterraa galiin Birrii miiliyoona 17 fi kuma 254 ol argamuu eeraniiru.
Dabalataanis namoota kuma 11 fi 721’f carraan hojii uumamu himan.
Godinichatti, albuudaalee akka Dhagaa Cilee, Ayiranii, Kopaalii fi Filoraayiitiirratti dhaabbilee fi waldaaleen intarpiraayizootaan misooma jiraachuu obbo Naasir kan dubbataniiru.
Godina jimmatti bara kana damee misooma albuudarraa galii Birrii miiliyoona 27.5 argachuuf karoorfame hojjettamaa jiraachuun ibsameera.
Tamasgeen Allabbaachootu gabaase
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.