Godina Jimmaatti Yaa’iin Abbootii seeraa manneen murtii godina Jimmaa 5ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti Yaa’iin Abbootii seeraa manneen murtii godina Jimmaa 5ffaan magaalaa Aggaarootti gaggeeffameera.

Teeknooloojii fayyadamuun Kenninsa tajaajila Haqaa foyyeessuuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Mana murtii waliigalaa Godina Jimmaa Obbo Birhaanu Baqqalaan ibsaniiru.

Ijaarsa sirna dimookrasii milkeessuuf qulqullina tajaajila abbaa seerummaa fooyyesuuf abbootii seeraaf leenjiin dandeettii cimsuu kennamu dubbataniru.

Yaa’iin idilee abbootii seeraa Manneen Murtii Olaanaa Godina Jimmaa gaggeeffamun isaa Abbootiin seeraa rakkoo kanaan dura Mana murtiin alaa dhufanin wal qabatee kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa irratti gufuu ta’an furuuf kan gargaaru ta’u ibsameera.

Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment