Godina Jimmaatti Tajaajilli lammummaa Waqtii Gannaa eegalame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Godin Jimmaatti Hojiin tajaajila lammummaa bakka buutota dargaggoota Aanaalee godinichaatiin Aanaa Qarsaatti eegalameera.
Godinichatti bara kana dargaggoonni kumni dhibbi 5 ol ta’an hojii tajaajila lammummaa irratti kan hirmmaatan ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Jimmaa Obbo Nagumaa Makoonnin himaniiru.
Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa godinichaa Obbo Masarat Hayiluu dabalatee hoggansi olaanoon Godinaa fi Aanaalee dargaggoota hojii eebbifamaa kana irratti hirmaataan jajjabeessaniiru.
Tajaajila Lammummaa Waqtii Gannaa bara kanaan hojii Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu hojjechuuf karoorafamuu ibsameera.
Tamasgeen Allebbaachoowutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment