Godina Jimmaatti sagantaan muxannoo wal-jijjiirraa misooma Bunaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti sagantaan muxannoo wal-jijjiirraa misooma Bunaa biyyoota alaa waliin gaggeeffameera.

Godina Jimmaatti sagantaan muxannoo waljijiirraa haala qilleensaa, misooma Bunaa, dubartootaa Godina Jimmaa fi biyyoota alaa kanneen akka Hunduraas, Kolombiyaa fi Ispeen gidduutti gaggeeffameera.

Sagantaa muuxannoo wal jijjiirraa kana irrattis aanaaleen Gommaa fi Geeraa argamuun muuxxannoo qooddataniiru.

Naannoon Oromiyaatti misooma Bunaa dabaluuf xiyyeeffannon hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment