Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti Sagantaan Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magarisaa Aanaa Manchootti eegalameera.
Bara kana godinichattii biqiltuu biiliyoona 1 ol dhaabuuf sagantaan dhaabbii eegalamuu ibsameera.
Biqiltuu nyaataf oolani fi kanneen biroo gosa garaagaraa biiliyoona tokko ol Aanaalee godinichaatti hunda keessatti dhaabuuf sagantaa dhaabbii eegalamuu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasirin ibsaniiru.
Hawaasni dhaabbii biqiltuu ashaaraa magarisaa kanarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Tasfahuun kabbadaa fi Tamasgeen Alebbachewtu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.