Godina Jimmaatti rakkoowwan hanqina sanyii filatamaa furuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2017 (FBC) –Rakkoowwan hanqina sanyii filatamaa furuuf hojjataa jiraachuu Yuuniyeeniin Jimmaa beeksiseera.

Yuuniyeenichi oomishaalee qonnaa bunaafi kanneen biroo qonnaan bultootarraa sassaabuun gabaa biyya alaaf dheessaa jiraachuun himameera.

Kana males, Xaa’oofi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhiheessaa jiraachuuf kaappitaalli isaa birrii miiliyoona 100 ol qaqqabuu hojii gaggeessaan Yuuniyeenii Jimmaa Obbo Firaa Raayyaan dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Babalina Waldaa Hojii Gamtaa godina Jimmaa Obbo Dimaamuu Nigaatuun gama isaaniin bara oomisha 2016/17 yuuniyenichi lafa heektaara kuma 1fi 350 irratti sanyii filatamaa boqqoolloo, Qamadiifi xaafii baay’asaa jiraachuu dubataniiru.

Kana irraayis sanyiin kuntaalli kuma 40 fi 390 kan eegamu ta’uu eeruun, qonnaan bultootni akka of danda’an hojjetammaa jiraachuu himaniiru.

Yuuniyeenichi yaa’ii isaa 15ffaa bakka miseensootni argamitti gaggeesseera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment