Godina Jimmaatti rakkoo gama tajaajila geejjibbaan jiru hiikuun haala danda’amurratti mariin taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Godina Jimmaatti rakkoo gama tajaajila geejjibbaan jiru hiikuun haala danda’amurratti mariin taasifameera.

Godinichatti, darbaa fe’uun, taarifaa ol kaffalchiisuufi abbootiin qabeenyaa konkolaataa dhoksun hanqinni akka uumamu gochuun, rakkoowwan ijoo tajaajila geejjibaarratti mul’atan ta’usaati qorannoon kan adda bahe.

Kana males, hanqinni naamusaa poolisii tiraafikaafi too’attoota tokko tokko biratti mul’atu rakkicha hundeen buqqisuuf rakkisaa taasisuu, Itti gaafatamaan eejansii geejjibaa godina Jimmaa obbo Naasir Dirribaa maricharratti kaasaniiru.

Ajajaan poolisii maagaalaa Jimmaa komaandar Dibaabaa Raggaasaa naamusaan wal qabatee, bara kana poolisoota tiraafikaa 3 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa eeruun, gara fulduraattis tarkaanfichi cimee itti fufa jedhaniiru.

Itti aanaan bulchaa godina Jimmaa obbo Yesuuf Shaaroo gamasaaniitiin, too’aattoonnii fi abbootii qabeenyaa dantaa dhunfaaf jecha tajaajila ummataa miidhan gocha isaanirraa of qusachuun amanamummaan hawaasa tajaajilan gaafataniiru.

Maricharratti qindeessitoonni poolisii tiraafikaa fi too’attootaa, hoggantoonni godinaa fi bulchitoonni aanoleerratti hirmaataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment