Godina Jimmaatti Qamadii Jallisiin misoome sasaabuun eegalame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Godina Jimmaatti Qamadii Jallisiin misoome sasaabuun eegalameera.
Godinichatti Qamadiin oomisha Paastaa, Makooroonii fi Daabboof oolu lafa hektaara kuma 30 fi 53 misoomuu ibsameera.
Qamdiin jallisii Kilaasteeran misoome bu’aa gaarii argamsiisuu daayreektarri gidduugala qorannoo Qonnaa Jimmaa Dooktar Girmaa Hayilamikaa’eel dubbataniiru.
Giddugalichi sosochii midhaan nyaataan of danda’uuf taasiifamaa jiru deeggaraa jiraachuu himaniiru.
Qamadii Jallisiin misoome hektaara 1 irraa callaan kuntaalli 30 hanga 40 ni eeggama jedhame.
Sassaabbiin oomisha Qamadii Jallisiin bara kana misoomee aanaa Xiroo Afataatti bakka bulchaan Godina Jimmaa obbo Abduulhakiim Muluun argamanitti eegalameera.
Bu’aan argame yeroo itti aanu caalmaatti akka hojjetamuuf hamilee ta’eera jedhan obbo Abduulhakiim.
Oomishni qamadii godichatti haaraa ta’us bu’aan argame qonnaan bultoonni godinichaa yeroo itti aanu xiyyeeffannoon akka hojjetan kakaaseera jedhan.
Godina Jimmaatti bara kana lafa hektaara kuma 30 fi 53 jallisiin misoome irraa calla kuntaalli miiliyoonni 1.2 kan eeggamu ta’uu himameera.
Moktaar Xahaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment