Godina Jimmaatti piroojektiin “KoFIH” marsaa 2ffaan labsame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Godina Jimmaatti piroojektiin “KoFIH” marsaa 2ffaan labsameera.

Sangataan piroojektii “KoFIH” marsaa 2ffaa  labsame kun, bakka turtii hadhoolii dabalatee, tajaajila ambulaansii, bishaanii, ibsaafi kanneen biroo bufataalee fayyaa keessatti guutuuf kan gargaaruudha.

Hogganaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan, piroojektiin “KoFIH” marsaa 2ffaa godina Jimmaatti wayita labsame haasawaa taasisaniin, fayyaa hadhooliifi daa’immanii eeguuf tajaajila bufataalee fayyaa keessatti keennamu guddisuuf hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Bara 2014tti hadhooliin ulfaa miiliyoonnii 1 dhaabbiilee fayyaa keessatti deeggarsa ogeessota fayyaan dahuu himaniiru.

Dhiibee daranyoo sombaa ittisuuf hojiilee hojjetamaa turaniin galma dhaabbatni fayyaa adduunyaa kaa’e milkeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniin, godinichatti hirmaannaa hawaasaa Birrii miiliyoona 67n keellaawwan fayyaa dhaloota 2ffaa 14 ijaaramaa jiraachuu  himaniiru.

Piroojektichi waggoottan shanan itti aananitti aanoolee godinichaa 6 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment