Godina Jimmaatti oomishni qamadii lafa heektaara kuma 5 ol irratti misoome sassaabame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti oomishni qamadii jallisii lafa heektaara kuma 5 ol irratti misoome sassaabameera.

Godinichatti misooma jallisii bara kanaan, lafa heektaara kuma 62 fi 799 irratti qamadiin kan misoome yoo ta’u, hanga ammaatti oomishini lafa heektaara kuma 5 fi 200 irraa sassaabamuu waajirri qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa godinichaa beeksiseera.

Lafa jallisiin misoome irraa oomshni qamadii kuntaalli miliyoonni 2 fi kumni dhibbi 5 ni argama jedhamee kan eegamu ta’uu Itti gaafatamaan waajirichaa obbo Eliyaas Endiriyaas Faanaa brodkaastiing korporeetitti himaniiru.

Sassaabbiin oomishaa, kombaayinaraa fi humna namaan raawwatamaa jiraachuu  fi lafti oomishini irraa ka’e qonna arfaasaaf akka qophaahu dubbataniiru.

Godinichatti misooma jallisii bara kanaa irratti qonnaan bultootni kuma 99 ol hirmaataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment