Godina Jimmaatti lafa qamadii jallisiin misoomsuuf qabame keessaa hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 52 faca’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeesa 10, 2016 (FBC) – Godina Jimmaatti bara 2016 lafa heektaara kuma 400 irratti qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 52 misoomuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Aanaa qamadiin jallisiin misoomu iddoo hooggantoonni olaanoon argamanitti faca’eera.

Godinichatti barana lafa heektaara kuma 400 misoomsuuf karoorfame keessaa lafti heektaarri kuma 200 fi kumni 40 qophaa’uu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir eeraniiru.

Godinichatti hanga ammaatti karoora baranaa keessaa lafti hektaarri kumni 52 sanyii qamadiin uwwifamuu ragaan Waajjira Qonnaa Godinichaarraa argame kan mul’isu.

Itti gaafatamaa Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Aanaa Deedootti argamuun qamadii facaasuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment