Godina Jimmaatti hojii tola oltummaa gannaatiin guyyaa tokkotti manni harka qalleeyyii 569 ijaarame

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC)- Godina Jimmaatti hojii tola oltummaa gannaatiin guyyaa tokkotti manni harka qalleeyyii 569 ijaarameera.

Hogganaan Komishinii Karoora Misooma fi Diinagdee Oromiyaa Dooktar Tashooma Addunyaa, hojii tajaajila lammummaa kana irratti argamun akka jedhanitti qoqqoodinsi diinagdee haqa qabeessa ta’ee akka jiraatuuf hojiin tajaajila lammummaa ga‘ee olaanaa qaba jedhaniiru.

Kanaaf guyyaa tokkotti mana haadha hiyyeessa ijaaruun rakkoo hawaas diinagdee uummataa keenyaa hiikuuf mata duree” Ani lammii koof gaaddisa nan ta’a’ jedhuun akka Oromiyaattii guyyaa tokkotti mana haadha hiyyeessaa 1100 ijaarama jiraachu himaniiru.

Itti gaafatamtuun waajjira dhimma dubartoota daa’immani fi dargaggoota Godina Jimmaa Addee Fadilaa Qadiin akka jedhanitti, sadarkaa godinaatti gandoota hunda keessatti hojii tajaajila lammumma gannaatiin guyyaa tokkotti mana haadha hiyyeessaa 569 tilmaama Birrii miliyoona 34 olin ijaaramuu dubbataniru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Abdulhaakim Muluu, hojii tajaajiila lammummaa guyyaa har’a aanaa Dedootti taasifameen hojii tajaajiila lammummaa baroottan darbaniitti hojjetameen rakkoo hawaas -diInagdee ummata godiniichaa hiikuurra darbee aadaa walgargaarsaa ummatiichaa cimsuun jaalalaa fi tokkuummaa ummataa cimsuu kan danda’ee akka ta’ee dubbataniiru.

Hojiin kun gara fulduraattis cimee kan itti fufuu ta’us ibsaniru.

Tasfaahun Kabbadaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment