Godina Jimmaatti guyyaa har’aa dargaggootaaf tiraaktaroonni 27 laataman

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti bara kana fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojii hojjetamaa tureen tiraaktaroonni qonnaa 42 dargaggootaaf dhiyaachuu Itti Gaafamaa waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godina Jimmaa Obbo Habtaamuu Kaasaa ibsaniiru.

Sagantaa guyyaa har’aa walharkaa fuudhiinsaa gaggeeffameen tiraakteroonni 27 dargaggootaaf laatamaniiru.

Sirni wal harkaa fuudhiinsa tiraakteroota kanneenii Aanolee Oomoo Naaddaa, Oomoo Beeyyam, Sokorruu, Nadhii Gibee fi Qarsaa hirmaachisuun gaggeeffamuu ragaan Kominikeeshinii Jimmaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment