Godina Jimmaatti duula ashaaraa magariisaa baroottan darbaniin bu’aan qabatamaan mul’achuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti hojii duula ashaaraa magariisaa baroottan darban hojjetameen bu’aan qabatamaan mul’achuun himameera.
Godinichatti waggoottaan 3n darban keessaa biqiltoonni garaagaraa dhaabbatan bu’aa qabatamaan argamsiisuu isaati jiraattootni godinichaa Faanaa Brodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Bu’aa argame caalmaatti dabaluuf duula ashaaraa magariisaa bara kanaa keessatti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu jiraattootnin kunniin himaniiru.
Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniitiin, jiraattootni godinichaa biqiltoota dhaabuu cinaatti hordooffii fi kunuunsaa taasisaa turuu isaanii dubbataniiru.
Kunis iddoowwan midhaman akka deebi’anii misooman godheera kan jedhan Obbo Tijjaaniin, bara kanas buna dabalatee biqiltoota biliyoona 1 dhaabuuf karoorfamuu isaa himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment