Godina Jimmaatti biqiltuun gosa garaa garaa miiliyoonni. 260 ol dhaabbiif qophaa’uun ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti bara kana biqiltuun gosa garaa garaa miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 60 ol dhaabbiif qophaa’uun ibsameera.
Godinichatti biqiltuuwwan gosa adda addaa baay’inaa fi qulqul’inaan dhaabuun muul’ata ashaaraa magariisaa dhugoomsuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, baroottan darban hojii gama kanaan hojjatamaa tureen bu’aan jajjabeessaan argamaa jiraachuun ibsameera.
Bara kanas dhaabbii biqiltuu milkaa’inaan raawwachuuf biqiltuun gosa adda addaa miliyoona dhibba 2 fi miiliyoona62 ol buufataalee biqiltuu dhuunfaa fi mootummaa kuma 1 fi 137 keessatti qophaa’aa jiraachuu Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa obbo Mahammad Xahaa Abbaa Fiixaa himaniiru.
akaakuuwwan biqiltuu bosonaa, muduraa, nyaata loonii fi biqituuwwan hunda galeessa ta’an biroo xiyyeeffannoo addaatiin qophaa’aa kan jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeshinii Godina Jimmaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment