Godina Jimmaa magaalota 46 keessatti duulli qulqullina Magaalaa gaggeeffameera

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti duulli qulqullinaa mata duree ‘ naannoo keenya haa qulqullissinu, sammuu keenyas jibbiinsaa fi wal qooduu irraa haa qulqulleessinu’jedhuun magaalota 46 keessatti gaggeeffameera.

Duulli qulqullinaa kun ji’a ji’aan kan itti fufu ta’uu fi idileenis namni kamiyyuu naannoo isaa qulqulleessuun magariisaa taasiisuu akka qabu Itti Gaafataan Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneenii Godina Jimmaa obbo Yaayyaa Aliyyiin dhaamaniiru.

Duula qulqullinaa har’a magaalota godichaa hunda keessatti gaggeeffame kanarratti hoggantoonni mootummaa godinichaa adda addaa argamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godina Jimmaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment