Godina Jimmaa magaalaa Gaattiraatti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun nama 1 yoo darbu namoota hedduurra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Godina Jimmaa magaalaa Gaattiraatti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun nama 1 yoo darbu, namoota hedduurra miidhaan qaamaa ga’uu ibsameera.

Balaa muudate kanaan lubbuun nama tokkoo yoo darbu, namoota 10 irra balaan qaamaa cimaan, namoota 9 irra ammoo balaan qaamaa salphaan ga’uu itti gaafatamaan kutaa qorannoo yakkaa waajjira Poolisii aanaa Saxxammaa Inispeektar Ismaa’eel Irigaxeen Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment