Godina Jimmaa fi naannawaa Jimmaatti qonna avokaadoo fi muuzii kilaasteraan misoomee fi horsiisa kanniisaa naannoofnee daawwanneerra – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Godina Jimmaa fi naannawaa Jimmaatti qonna avokaadoo fi muuzii kilaasteraan misoomee fi horsiisa kanniisaa naanna’uu daawwachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Carraaqqiiwwan akkanaa paarkiiwwan indaastirii oomisha qonnaa qindeessaniif haala baay’ina, qulqullinaa fi ittifufiinsa qabuun galteewwan dhiyeessuuf kan dandeessisaniidha jedhaan fuula feesbuukii isaaniin.

Kunis jijjiirama diinagdee biyyaa qonnarraa gara indaastiriitti ce’uuf taasiifamuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment