Godina Jimmaa aanoolee 8 keessaatti raammoo Afrikaa muul’dhate

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC)- Godina Jimmaa aanoolee 8 keessaatti raammoo Afrikaa muul’dhachuu Giddugallii Kiliniika Biqiltuu Jimmaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan giddugalichaa obbo Boonaa Hirphaa, raammoochi aanolee 8 fi gandoota 52 waliin ga’ee jedhan.

Raammoon kun oomishaalee boqqolloo, bishingaa, lojoo, dagujjaa, loozii fi laafa dheedumsaa heektaara kuma 6 fi 476.75 irra jiran irratti muul’dhachuu ibsameera.

Raammicha ittisuuf keemikaalaarra aadaan baleessuun filatamaa ta’uun qonnan bulaan yeroo yeroo sakatta’uun hojii to’annoo cimsee akka itti fufuu obbo Boonaan yaadachiisaniiru.

Tamasgeen Allaabaachootu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment