Godina Jimmaa Aanaalee garaagaratti Qamadii Jallisiin misoomsuuf facaasaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015 (FBC) – Godina Jimmaa Aanaalee garaagaraatti Qamadii Jallisiin Misoomsuuf Facaasaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Aanaa Manchootti qamadii lafa hektaara kuma 2 irratti jallisiin misoomuuf guyyaa har’aa bakka hoggantoonni godinichaa argamanitti facaasaan gaggeeffameera.

Aanaa Nadhii gibeettis guyyaa har’aa lafa hektaar 147.5 irratti Qamadiin faca’uu eerameera.

Akkasumas Aanaa Cooraa Botor guyyaa tokkootti lafa hektaaraa 100 ta’u irraatti facaasaan qamadii gaggeeffameera.

Bifuma walfakkaatuun Aanaa Saxxammaatti facasaan qamadii jallisii lafa hektaaraa 102 irratti faca’uu ragaan Waajjira Qonnaa Godinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment