Godina Iluu Abbaa Booritti duulli sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magaariisaa guyyaa tokkoo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC) – Godina Iluu Abbaa Booritti duulli sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu gaggeeffamaa jira.

Akka godinichaatti aanaalee hunda keessatti namoonni kumni 800 ol dhaabbii biqiltuu kanarratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Biqiltuuwwan faayidaa garaagaraaf oolaan lafa hektaara kuma 8 fi 593.3 dhaabamaa jiraachuu eerameera.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment