Godina Iluu Abbaa Booraatti duuli misooma sululaa guyyoota 60’f turu eegalame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Godina Iluu Abbaa Booraatti duulli misooma sululaa guyoota 60f turu Aanaalee godinichaa hunda keessatti gaggeefamu sadarkaa godinaatti Aanaa Yaayyootti eegalameera.
Bara kana godinichatti hojiin duula qabeenya uumamaa daagaa baasuu guyyoota 60’f turuu suluulota 262 irratti daagaawwan kiloometira kuma 34 ol akkasumas, hojiiwwan qabeenya uumamaa jiidhinsa qusatan adda addaa hojjetamuu sadarkaa godinichaatti Aanaa Yaayyootti jalqabamera.
Hojiin kun aanaalee godinichaa hunda keessatti karaa walfakkaatuun guyyoota 60 kan gaggeefamu fi duula kanaanis lafti heektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 31 kan misoomu ta’u Itti gaafatamaan Waajjira Misooma Bunaa fi Qonnaa Godina Iluu Abbaa Boor obbo Ascanaaqii Admaasuu dubbataniru.
Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaacho Tafarii, oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf hojiin qabeenya uumama murteessaa ta’uu himuun, duulli qabeenya uumamaa kun kan barnoonni qinda’aan qonnaan bultootaaf itti laatamu ta’uus dubbachuu ragaan BDhMKMNO irraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment