Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaala Shaambuutti Hiriirri deeggarsaa Injifannoo Bitootessa 24 gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaala Shaambuutti Hiriirri deeggarsaa Injifannoo Bitootessa 24 mata duree ”Nageenya keenya ni eegganna, jijjiirama ni waaressina” jedhuun gaggeeffameera.
Hiriirri deeggarsaa kun fardaan dabaalamuun Dhaadannoowwan garaa garaa Nageenya Keenya Ni Eegganna; Jijjiirama Ni Waaressina!, Injifannoo Arganne Tikfachaa Kan Hafeef Waloon Hojjenna!, Nageenyi Hundaaf Hundis Nageenyaaf!, Seenessi Waloo Utubaa Ijaarsa Biyyaati!, Itiyoophiyaa Cimtuun Obbolummaa Sabdaneessa Irratti Ijaaramti!,Ilaaf-Ilaameen Nageenya Waaressina!. Humnoonni Waloo Keenya Utubaa Dinagdee Keenyaati! Jedhuun gaggeeffamuu ragaan Kominikeeshinii godinicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment