Godina Harargee Lixaatti iddoowwan hongeen miidhamaniif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Godina Harargee Lixaatti aanolee 2 hongeen miidhamaniif deeggarsi midhanii kuntalli kumni 2 fi 200 taasifamuu wajjiirri hoggansa sodaa balaa fi kaafamtoota misoomaa godinichaa beeksiseera.

Itti gaafatamtuun waajjiricha adde Alfiyaa Aliyyii akka himanitti, godina Hawwii Guddinaa fi Burqaa Dimtuuttu lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsi taasifamee jiraattoota godina Horroo Guduraa Wallaggaarra kan walitti qabameedha jedhan.

Hanqina bishaanii naannichatti muudateefis Bishaanni bootteen 11 dhiyaachuu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment