Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti duulii hojii misooma sululaa bara kanaa bifa adda ta’een hojjatamaa jiraachuu Waajjjira Qonnaa Godinichaa ibseera.
Godinichatti bara kana hojiin misooma sululaa Muddee 15 irraa eegale sadarkaa Aanaa fi Gandoota baadiyyaa keessatti hojii sululaa eegalame hojjatamaa jiraachuu ibsameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Lixaa obbo Husseen Mahammad hojii misooma sululaa barana Aanaalee Godinichaa hunda keessatti gandoita 455 keessatti lafa hektaara kuma 226 fi500 ol irratti hojjechuuf karoorfame hojjetama jiraachuu ibsaniiru.
Daagaan adda addaa,istiraakcharoota bishaan qusatanii fi Hallayyaa hidhuu gabiyoonaaniin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Kutaaleen Hawaasa adda addaa hojii kan hojjetaa jiranis yaada kennaaniin barootan darbee hojii sululaa hojjatan irraa bu’aa gaariin argamuu ibsuuni,bu’aa kanas caalmatti itti fufisisuuf bara kanas si’ominaan hojjachaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.