Godina Harargee Lixaa magaalaa Cirootti hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi shanee gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti hiriirri balaaleffaannaa garee shororkeessitoota ABUT fi Shanee aanaalee fi magaaloota hunda hirmaachise magaalaa Cirootti gaggeefameera.

Shira biyya diiguuf hojjetamaa jiru hubannee irree gamtoomeen fashaleessuun injifannoo arganne tikfachuu qabna jedhan Bulchituun Godina Harargee Lixaa Aaddee Ekraam Xahaan.

Ummanni Godina Harargee Lixaa yoomiyyuu caalaa tokkummaa cimaa fi miira wal dhageettiin gurmaa’uun nageenya ofii eegachuu akka qabuu fi deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiisu caalatti cimsuun itti fufuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.

Injiffannoo wareegama qaalii itti kafalle wareegama qaaliin ni eeganna, aarsaa barbaachisuufiis qophiidha jedhan Kaantibaan magaalaa Ciroo obbo Mahammad Umar
Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment