Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti proojektoonni adda addaa eebbifamaan

Finfinnee, Adooleessa 3, 2013 (FBC)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti proojektoonni adda addaa eebbifamaaniiru.

Aanaa Doobbaatti proojektoonni 10 Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 29.6 oliin hojjetama eebbifamaniiru.

Sirna eebbichaarrattis Itti Aantuu Preezdaantii fi Qindeessituun Kilaastera misooma magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii argamaniiru.

Aadde Caaltuun mootummaan jiruu fi jireenya hawaasa hunda galeessa tahe fooyyeessuuf halkanii guyyaa hojjechaa jira jedhaniiru.

Kanaaf proojektoonni guyyaa har’a Aanaa Doobbaatti qarshii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 29.6 hojjetamaa turan eebbifamaniiru jedhan.

Injifannoon gurguddoo waggoota sadan darban keessatti mootummaa jijjiiramaan galmaawwan keessaa proojektii ummata yeroo gabaabaa keessatti xumuruudha jechuusaanii ragaan waajjiira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment