Godina Harargee Lixaa aanaa Daaroo Labuutti Manni Murtii aadaa hundaa’e

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC)-Godina Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuutti sirni man-bultii gaggeeffamuun Manni Murtii Aadaa hundaa’eera.

Hawaasni Aanaa Daaroo Labuu osoo Manni Murtii Aadaa labsii Mootummaatiin hin hundaa’iin dura hawaasa wal dhabdee jidduu isaanitti mudatu karaa aadaan araara buusaa turuun seenaa bara dheeraa qabuu fi ammallee sirna kana daraan cimsaa jiru.

Waggaa Waggaanis sirna kana haaroomfachuuf sirna Man -bultii jedhamu qabu.

Akka hawaasa naannoo sanaatti Sirna Man –bultii, jechuun halkan heerri heeramu,kan seerri seeramee labsamu, kan kaadhimamtoonni araara buusan hawaasa fulduratti dhihaatanii, waadaa galuun bariisaa muudamaa fi beekkamtiin kennamee fi hawaasa tajaajiluuf kakuus raawwatu.

Bara kanaas labsii Mootummaan baaseen hundeeffamni Mana Murtii Aadaa duudha hawaasa kanaaf daran beekkamtii kan kennee fi cimse waan ta’eef, sirni Man-bultii kun hundeeffama Mana Murtii Aadaa Daaroo Labuu sababeeffachuun kan gaggeeffame Kormiis qalamee, muudamtoota Dhaddacha Mana Murtii Aadaa Aanichaatiif beekkamtiin kennameera.

Abbaan Gadaa Ituu fi Humbannaa Shaamil Ahmadoo Manni Murtii Aadaa hundaa’uun gaaddisa Abbaa Haqaatiif dhugaa kennuu deebisuudha waan ta’eef, cimsinee deeggarra jedhaniiru.

Preezdaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaa Obbo Bukaar Kadiroo, Manni Murtii Aadaa hundaa’e ragaa sobaa xiqqeessuu fi kenniinsa tajaajila haqaa foyyeessuu keessatti qooda olaanaa akka qabu himuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment