Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti bara baajata 2014ti proojektonni bu’uraalee misoomaa 390 hojjetamaa jiran keessaa 232 xumuramu ibsameera.
Godinichatti proojektonni kunneen baajanni Birrii biiliyoona 1.7’n ramadameefi ijaaramaa jiraachu Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammad himaniiru.
Aadde Miskiin sadarkaa hojii bu’uraalee misoomaa garagaraa Bulchiinsa Magaalaa Baabbileeti argamu daawwataniiru.
Proojektoonni kunneen waldaallee IMX’n gurmaa’anin hojjetamaa akka jiruu fi kunis carraa hojjii kan uumee ta’u ibsameera.
Proojektiin hojjetamaa jiru kunis carraa hojii dhaabbata namoota 192 fi Carraa hojii yeroo immoo namoota kuma 1 fi 690 kan uume ta’us eeraniru.
Tuujii Abdiitu gabaase
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.